Fana: At a Speed of Life!

Barana loltootaa duraanii kuma 200tti dhiyaatan hawaasatti makuuf karoorfameera

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Barana loltoota duraanii kuma 200’tti dhiyaatan hawaasatti makuuf karoorafamuu Koomishiniin Haaromsa Biyyaalessaa beeksise.

Komishinarri Olaanaa Koomishinichaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan, Amajji 2015 eegalee loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuun hawaasatti makuuf hojiileen tumsaan gaggeeffamaa turuu yaadachiisan.

Biyyatti naannolee saddeetittis waraanaarratti hirmaachaa kan turaan loltoota duraanii kuma 117 fi 971 addaa baafamuu himanii, baranas loltoota duraanii kuma 150-200 ta’an leenjii barbaachisaa fudhachuun hawaasatti akka makaman kan taasifamu ta’uu dubbataniiru.

Adeemsa waraanaa keessa kan turan xiinsammuu loltoota duraanii nageenyaa fi oomishtumaaf qopheessuuf, qophaa’ummaa sammuu, hubannoo siyaasaa fi haaromsa hawaasummaa kennuuf qophiilee barbaachisaan taasifamaa jiraachuu dubbachuu TOI gabaaseera.

Koomishinichi hojicha gaggeessuuf sagantaalee fi pirojektoota waggootaa lamaa bocuun maallaqa barbaachisaa argachuuf biyyoota addunyaa fi dhaabbilee misoomaa waliin mari’atamuu kaasaniiru.

Ijaarsi giddugala leenjii fi sanadoonni waan hinxumuramneef fuulduratti kanneen milkeessuuf hirmaannaan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Fakkeenyaafis giddugalooni guguddaan shan loltoota duraanii kuma 5 qabachuu danda’an Birrii miiliyoona 500’n Ministeera Raayyaa Ittisa fi Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay waliin hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Sagantaa haaromsaan boqonnaalee garaagaraan loltoota duraanii hawaasatti makuuf karoorfamuu eeranii, bulchiinsi yeroo Naannoo Tigraay loltoota duraanii kuma 50 gaggeesse sagantichaan akka hirmaachisu dubbataniiru.

Mootummaanis milkaa’ina sagantaa haaromsa biyyaalessaaf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsuun, dhaabbilee waldaalee siiviikii biyya keessaa, abbootii qabeenyaa fi kanneen biroon ergama koomishinichaa milkeessuuf akka hirmaatan waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.