Fana: At a Speed of Life!

Shaggaritti lafa harka faddaala fi hattoota irra maqsuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Lafa qonnaan bultootaa Magaalaa Shaggar harka faddaala fi hattoota irra maqsuuf hojiilee bal’aan hojetamaa jirchuu Bulchiinsi Magaalichaa beeksise.

Itti aanaan Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloon Magaalaa Shaggaritti Qonnaa bultoota hojii qonna irratti jajjabbeessuun lafa qaban irratti teeknoloojiin akka hojjataniif hojiin eegalamuu himaniiru.

Magaalli Shaggar kan Qonnaan Bulaa Caala kan eenyuuyyuu miti kan jedhanobbo Guyyoon, dhiibbaa qonnaan bultootaa naannwaa Finfinneerra ga’aa ture hambisuuf kan hundoofte ta’uu yaadachiisaniiru.

Lafa qonnaan bultootaa magaalichaas harka faddaalaa fi hattoota irra maqsuuf hojiilee bal’aan bulchiinsa magaalichaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan lafa Qonnaan bultootaaf ragaan abbaa qabeenyummaa ammayya’aan hojjatama jiraachuu eeraniiru.

Shaggar Magaalaa utubaa dinagdee qonnaan bultootaati jedhanii, qaamolee lafa qonnaan bulaa saamuuf kiyyoo kiyyeessan gochaa isaanii irraa akka of qusatan hubachiisaniiru.

Hirphoo Shibootu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.