Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti waggaa waggaan lubbuun shamarran kuma 44 sababa kittaannaan darba-Qorannoo

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)-Afrikaatti waggaa waggaan lubbuun shamarran kuma 44 sababa kittaannaan akka darbu qorannoon ifoomse.

Bu’aan qorannoo ifoomees biyyoota akka Itiyoophiyaa, Beeniin, Burkinafaasoo, Kaameeruun, Chaad, Kootdiivaar, Ijipti, Keeniyaa, Maalii, Nijeer, Seneegaal, Seeraaliiyoonii fi Taanzaaniyaarratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamee ta’uun ibsameera.

Biyyoota kanneen keessatti HIV/Eedsii, Gifira, Manjalloo, hanqina nyaata madalawaa, miidhaa qaamaa sababa balaa garaagaraan mudatuu fi dhibeewwaan biroon kan lubbuun darbu caalaa, lubbuun kittannaa shamarraniin darbu akka caalu qorannoo ‘Nature Scientific’ baase wabeeffachuun ‘Nation African’ gabaaseera.

Lakkoofsi shamarran sababa kittaannaan lubbuun isaanii darbu %50 dabaluu akkasumas kanneen umriin isaanii waggaa 5 hingutiin lubbuun darban dabaluu qorannichi ibseera.

Kana malees, dhukkuboota qaama walhormaataaf akka saaxiluu ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.