Fana: At a Speed of Life!

Indaastiriin Maanufaakchariingii toora xiyyeeffannoo shanan Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabu keessaa isa tokkoo – Pir.Shimallis

Finfinnee, Fulbaana 29, 2016 (FBC) – Indaastiriin Maanufaakchariingii toora xiyyeeffannoo shanan Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabu keessaa isa tokko ta’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisan.

Imaammanni Indaastirii Maanufaakchariingii naannoo Oromiyaa karoora tiraansfoormeeshinii waggaa kudhanii biyyaalessaafi naannichaa waliin walsimee kan qophaa’eedha jedhan.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Karoorri misooma industirii maanufaakchariingii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kaayyoolee shan (5) milkeessuu akeeka; isaanis: haala daldala Naannoo Oromiyaa fooyyessuun hundeeffama industirii haaraa mijeessuu; oomisha waliigalaa biyya keessaa keessatti, qooda seektara industirii waliigalaafi industirii maanufaakchariingii dabaluu; oomishtummaa industiriiwwan naannoo keenyatti argamanii dabalu; oomisha waliigala biyya keessaa (GDP) irratti, galii guyyaa fooyyeessuufi carraa hojii seektarichi uumuu danda’u duguuganii fayyadamuudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggoottan kudha shanan (15) dhufanitti, gahee industirii waliigalaa %19.6 irraa gara %30’tti, gahee industirii maanufaakchariingii %12.6 irraa gara %19’tti guddisuuf karoorfatee hojjechaa jira.

Bifuma walfakkaatuun, galma gahiinsa kaayyolee kanneeniif toorri xiyyeeffannoo sadi adda bahaniiru. Isaanis, dandeettii dhokataa naanniichi gama seektara kanaan qabu beksisuudhan investimantii harkisuu; investimantiifi industirii ammaan dura jiran babal’dhisuun dinagdee naannoofi biyya keenyaa guddisuufi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu; akkasumas, bu’aa qabeessummaa investimantii mirkaneessuudhaan oomishaafi tajaajila dabaluudha.

Gosoota industirii maanufaakchariingii sababoota siyaas-dinagdee irraa ka’uun xiyyeeffannoo kenninee hojjechaa jirru keessaa tokko industirii maanufaakchariingii qonnaa (agro-industry) ti. Gosti industirii kun, gama tokkoon oomishaalee qonnaa kan oomishuufi akka galteetti kan fayyadamu yoo ta’u, gama biraatiin meeshaalee galtee industirii qonnaa kan oomishuudha.

Sochii kanaan, dinagdee qonnaa misooma industirii baadiyaa bittinnaa’afii harkifataa ture gara boqonnaa industirii maanufaakchariingii qonnaa qindaa’aafi saffisaatti ceesisuun baadiyyaa keenya kutaalee (zones) industirii maanufaakchariingii qonnaatti qindeessinee kan misoomsinu ta’a. Bu’uuruma kanaan, gandoota baadiyaa gargar bittinnaa’an walitti gurmeessun walitti hidhamiinsa oomishaafi industirii galtee qonnaa barbaadan keessa galchuun, magaalaafi baadiyyaa sonaafi cancala industirii qonnaa fayyadamuun wal-onnachiisan kan uumnu ta’a.

Hojii guddina industirii baadiyyaafi magaalaa kanaan dingdeen gama lachuu kan walsimuufi walcimsu akka ta’u hojjetamaa jira. Sadarkaa dinagdee gooroo (macro economy) ttis, misoomni industirii keenya kan walsimuufi walcimsu akka ta’u galmi yeroo dheeraa qabamee raawwatamaa jira. Hundaa’ol, sochiin industirii qonnaa keenya, hawaasa keenya wiirtuu guddinichaa taasisuu, carraa hojii argamsiisufi abbaa qabeenyaa taasisuun dursa fayyadamoo taasisuu dhimma ijoo taasisee tarkaanfachaa kan jiruudha.

Walumaagalatti haala qabatamaa biyya keenyaatiin walbira qabnee yoo ilaallu, karaa jajjabeessarra jirra. Haata’uutii, waldorgommiin keenya gama tokkoon kaayyoo, karooraafi galma kaawwanne gama biraatiin, adunyaa qaari’e waliin ta’uu waan qabuuf, hoggansi sadarkaan jiruufi qooda fudhattoonni hundi kaayyoo, karoorafi galma gama kanaan kaawwanne ifaan ifatti hubatee akkasumas sababoota gufachiisoo jiran hunda moo’atee gahee badhaadhina biyya keenyaa keessatti bahuu qabu akka bahu adaraa jechuun barbaada!

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.