Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa Tajaajila Lammummaa Dargaggoota Biyyaalessaa seera ta’ee hojiirra akka oolu yaada murtoo dhiyaate raggaasise

Finfinnee, Fulbaana 29, 2016 (FBC) – Manni Maree Federeeshinii Wixinee Labsii Tajaajila Lammummaa Dargaggoota Biyyaalessaa seera ta’ee hojiirra akka oolu yaada murtoo dhiyaate raggaasiseera.

Manni marichaa karooraa fi yaada murtoo koreewwan dhaabbii garaagaraa dhiyaate raggaasiseera.

Haaluma kanaan Yaada Murtoo Wixineen Labsii Tajaajilli Lammummaa Dargaggoota Biyyaalessaa seera ta’uun akka ba’u dhiyaate raggaasiiseera.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen labsichi ragga’uun hawaasa diinagdee tokkoo ijaaruuf faayidaa olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Dargaggoonni Umriin isaanii waggaa 18 – 35 haala fedhiin isaaniin tajaajila lammummaa biyyaalessaa laachuu akka danda’an uwwisa seeraa qophiisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.