Fana: At a Speed of Life!

Guddina biyyaa tokkoof sirni Haqaa Cimaan murteessaadha – Obbo Gazaalii Abbaa Simal

Finfinnee, Fulbaana 29, 2016 (FBC) – Guddina biyyaa tokkoof sirni haqaa cimaan murteessaa ta’uu Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Obbo Gazaalii Abbaa Simal ibsaniiru.

Inistiityuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa ogeeyyii haqaa sagantaa leenjii hojiin duraa kennaafii ture 197 marsaa 16ffaaf eebbisiisiseera.

Sirni haqaa cimaan dhugaafi haqni uummataa akka hin jallanne taasisu jiraachuun guddina hawaas-dinagdee biyya tokkoof murteessaa ta’uu Obbo Gazaalii Abbaa Simal sagantaa eebbichaarratti haasawa taasiisaniin himaniiru.

Ogeeyyii seeraa dandeettii, naamusaafi gahumsaan qaban horachuun haqni akka dhugoomuu taasiisa jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas kana mirkaneessuuf ogeessa seeraa dhugaa uummataaf hojjetu leenjisuu irratti xiyyeeffannoo olaanaan hojjchaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojiin haqa baasuu abbaa haqaa barbaadanii kennuufiin hojii salphaa akka hin taane hubachuun eebbifamtoonni bu’aa ba’ii jiru dandamachuun caalmaatti hojjachuu akka qabanis dhaamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

Dhimmoota wal xaxaa yeroodhaa gara yerootti uumaman injifachuuf leenjii gara garaa fudhachuun of gahoomsaa deemuun hundaa ol murteessaa ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.