Fana: At a Speed of Life!

Edan Haazaardi tapha kubbaa miilaa dhaabuu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 29, 2016 (FBC) – Taphataan garee biyyaalessa Beeljiyeemii fi Kilaba Cheelsii duraanii Edan Haazaardi tapha kubbaa miilaa dhaabuu beeksiseera.

Edan Haazaardi waggoota 7 Kilaba Landan Cheelsii tajaajileera.

Umrii waggaa 32ffaa isaatti tapha kubbaa miilaa dhaabuu ifoomseera.

Waliigalaan waggoota 16 keessatti taphoota 700 ol taphateera.

Goolii 200 galchuun kubbaa goolii ta’an 193 mijeesseera.

Haazaardi Cheelsiif taphoota 352 taphachuun goolii 110 yoo lakkoofsiisu, kubbaawwan goolii ta’an 92 mijeesseera.

Waancaa Piriimaayer Liigii 2, Liigii Awurooppaa 2, Laaligaa 2 fi Shaampiyoonsi Liigii 1 fudhateera.

Erga Cheelsirraa gara Riiyaal Maadiriiditti jijjiiramee miidhama irra deddeebiin isa mudate hordofee murtoo kanarra ga’uu isaa ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.