Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan fudhatamummaa damee dippilomaasiin argatte faayidaa Afrikaanotaaf akka dhaabbatuu carraa kan uumuudha-Pir. Saahilawarqi

Finfinnee, Fulbaana 28, 2016 (FBC)- Ityoophiyaan fudhatamummaa damee dippilomaasiin argattetti fayyadamuun waltajjilee damee hedduu irratti ofirraa dabartee faayidaa Afrikaanotaaf akka dhaabbatuu carraa kan uumuudha jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen.

Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudeen, haasawaa mana maree bakka bu’ootaa ummataa fi mana maree federeeeshiniif taasisan, hojiileen damee dippilomaasiin hojjetaaman eeraniiru.

Haaluma kanaan hariiroo dioppilomaasii damee hedduu fi gamlameen, Itiyoophiyaan BRICS’tti makamuun injifannoo biyyalessaa damichaan argameedha jedhan.

Kunis dhaga’amutuma Itiyoophiyaa gama hundaan akka dabalu ibsanii injifannoowwan dippilomaasii waggootaan dhiyoo as dhufaa jiranis hariiroo dippilomsii cimaa Itiyoophiyaa barootaaf tureef beekkamtii kan kennuudha jedhaniiru.

Akkasumaas tattaffii guddina diinagdee biyyattiin taasisaa jirtuuf dabalataan beekamtii kan kennu, sochii dinagdee fi hawaasummaa kan dadammaqsu, carraalee damee daldalaa fi invastimantii akkasumas gabaa kan bal’isuu ta’uu dubbatan.

Ityoophiyaan fudhatamummaa damee dippilomaasiin argattetti fayyadamuun waltajjilee damee hedduu irratti ofirraa dabartee faayidaa Afrikaanotaaf akka dhaabbatuu carraa kan uumuu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.