Fana: At a Speed of Life!

Dhukkuba Busaa fi Toftaalee Ittisaa

Finfinnee, Fulbaana 28, 2016 (FBC) – Dhukkubni Busaa dhukkuba bookee busaatin daddarbu ta’ee yeroodhan yaalii yoo hin argatin miidhaa cimaa fi du’aatii kan fiduudha.

Mallattoolee dhukkuba Busaa

Ho’ina qaamaa fi dafqisiisuu, qorrisiisuu, qaamni hurgufamuu, dhukkubbii mataa, maashaa fi laphee, rakkoo afuura baafachuu, qufaa akkasumas, mallattoolee ciccimoo akka of wallaaluu, socho’uu, nyaachuu fi dhuguu dadhabuu, jeeqamuu, ijji gara bifa keellootti fi fincaan gara bifa kokaa kollaatti jijjiiramuu fi ol deebisa cimaan mallattoo dhibichaa ta’uu ibsameera.

Karaalee ittisa dhukkuba Busaa

• Agoobaratti fayyadamuu
• Qulqullina naannoo eeguu
• Bishaan kuufame dhangalaasuu
• Mallattoon dhukkubbi yoo jiraate dafanii yaalamuu ta’uu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.