Fana: At a Speed of Life!

Qormaatilee mudatan carraatti jijjiruun bu’aa galmeessuun milkaa’inaa olaanaadha-Pir. Saahilawarqi

Finfinnee, Fulbaana 28, 2016 (FBC) – Qormaatilee fi gufuulee mudatan gara carraatti jijjiruun bu’aa galmeessuun milkaa’inaa olaanaa ta’uu Pireezidaantiin Itiyoophiyaa Saahilawaqrqi Zawudeen ibsan.

Pireezidaantii Saahilawarqi Zawudeen hojii eegalii mana maree bakka bu’oota ummataa fi mana maree federeeshinii wayita labsaniitti haasawa taasisaniin Itiyoophiyaa keessattii ifnii abdi haaraan qabachuu kaasaniiru.

Boqonnaan jijiiramaa kun kan lammiilee Itiyoophiyaa hundaati jedhaniiru.

Dhimmoota irratti walii hingallee tursiisaa, waan irratti waliigalleerratti waliin hojjechaa, garaagarummaa jirurratti utuu walitti hinbu’iin, biyyaa fooyyofte dhalootaa ittaanutti dabarsuu qabna jedhaniiru.

Mootumman badhaadhinaa hunda galeessaa mirkaneessuuf waggoottaan sadan darban karooraa waggootaa kudhaanii bocuun hojiitti seenuu ibsaniiru.

Boqonnaa jalqabaan bara 2013-2015, guddinni abdii qabeessi galmaa’uu kaasaniiru.

Raawwii waggaa darbeetiin waliigalaan bu’aalee jajjabeessan galmaa’uu himanii, qormaatilee hedduu mudatan keessa darbamaa jiraatus cimnee ba’aa jiraachuu kan argisiisuudha jedhan.

Qoramaatilee fi gufuulee mudatan gara carraatti jijjiruun bu’aa galmeessuun milkaa’inaa olaanaa ta’uu eeraniiru.

Cabiinsaa suphuun, garaagarummaa dhiphisuun, biyyattii bu’uura hinraafamnerraa dhaabuuf qindoominaan hojjechuutu nurraa eegama jedhan.

Kana gochuufis daandilee irraa dhufame gamaaggamuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Waan buufannee cimsachuun, kan nu hinbaasnii daandii biraan bakka buusuun barbaachisa ta’uu eeruun kana gochuufis yaadaa fi hubannoo jijjiiramaan ka’uu qabna jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.