Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa federaaliizimii Fiiskaalaa sadarkaa fooyya’aatti ceesisuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2016 (FBC)- Manni Maree Federeeshinii Federaaliizimii Fiiskaalaa gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisuud hojjetamaa jiraachuu Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Galiiwwan Waloo fi Deeggarsa Baajataa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Korichi Dhaabbii karoora bajata 2016 ilaalchisuun Pireezidaantota naannolee waliin mari’ateera.

Haaluma kanaan, jijjiiramaan dura qoqqooddii galiiwwan waloo fi haqa qabeessummaa tatamsa’ina bu’uuraalee misoomaarratti aadaan iftoominaan mari’achuu jiraachuu yaadachiisuun, yeroo ammaa garuu naannolee gidduutti galiiwwan waloo qoodaman, baajataa deeggarsaa fi bu’uuraalee misoomaa dhaabbileen federaalaa naannoleef hojjetan haqa qabeessaa fi qaqqabamaa taasisuu fi hojmaanni diriiree akka raawwataman taasisuurratti kan argamu ta’uu Obbo Shimallis himaniiru.

Manni marichaa ce’umsaa fiiskaalaa haqa qabeessaa fi bu’aa qabeessa taasisuuf qorannoowwan garaagaraa ka’umsa taasifachuun karooraa waggoota 10 qopheessuun gara hojiitti seenuu himuu ragaan mana micharraa argame ni mul’isa.

Karoora baajata 2016 miseensota karichaaf kan dhiyeessan barreessan Koricha Dhaabbii Obbo Haayiluu Ifaan gama isaaniin, manni marichaa qoodamiinsi qabeenyaa haqa qabeessa fi bu’aa qabeessaa akka ta’uu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Gaaffilee heera ummatootaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufe sirnaan keessummeessuu fi deebii hatattamaa kennuuf riifoormii dhaabatummaa taasifamuu beeksisaniiru.

Karoorri bara baajataa 2016 Koree Dhaabbii Dhimmota Baajata Deeggarsaa fi Galiiwwan waloo yaa’ii jalqabaa mana marichaaf dhiyeesuun ni raggaasifamaan eegama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.