Fana: At a Speed of Life!

Koreen dhaabbii dhimmoota Eenyummaa, Bulchinsa Daangaa fi Ijaarsa Nageenyaa mari’achaa jira

Finfinnee, Fulbaana 28, 2016 (FBC)- Mana Maree Federeeshiniitti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Eenyummaa, Bulchinsa Daangaa fi Ijaarsa Nageenyaa dhimmoota garaagaraarratti mari’achaa jira.

Korichi walga’ii idilee 1ffaa bara hojii 3ffaa Mana Maree Federeeshinii bor gaggeeffamuun walqabatee ajandaalee garaagaraarratti mari’achaa jira.

Haaluma kanaan, maricharratti Barreessaan Korichaa Fiqiree Amaan karoora bara baajataa 2016 korichaa dhiyeessuun, dhimmoota faayidaa biyyaalessaa qabanirratti hojjechuuf mari’achaa jiraachuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Korichi dhaabbii, sablammiiwwan baay’inaa xiqqaa qaban ilaalchisee sanada qorannoo qophaa’erratti erga mari’ateen booda sanadicha mana marichaaf akka dhiyeessu eegama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.