Fana: At a Speed of Life!

Waraanni Isiraa’eelii fi Hamaa hanga ammaatti lubbuu lammiilee kuma 1 fi 113 olii galaafachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2016 (FBC) – Lolli Israa’elii fi Hamaas gidduutti sanbata darbe eegale hanga yonaatti itti fufuu ibsameera.

Waraana kana hordofee biyyoonni addunyaa gurguddoon ejjennoo garaagaraa qabataniiru.

Haleellaa Hamaas Sanbata darbe raawwateen booda  lammiileen kumni 1 fi 113 ajjeefamaniiru jedhame.

Haleellaa Isaraa’el raawwataa jirtuun ammoo lammiileen Filisxeem kumni 123 ol Gaazaarraa kan buqqa’uu eerameera.

Ameerikaa fi Ingiliz Israa’eel cinaa dhaabbachuun Hamaas balaaleffataniiru.

Iraan ammoo garee Hamaas kan deeggartu ta’uu himteerti.
Chaayinaan ammoo gareen wal waraanan akka of qusatan waamicha yoo dhiyeessitu, Raashiyaanis ejjennoo Chaayinaan walfakkaatu qabaachuu BBCn gabaaseera.

Ministeerri Dhimma alaa Raashiyaa gareen lameenuu hatattamaan dhukaasa dhaabuun, marii nagaa hunda hirmaachise gaggeessuun rakkoosaaniif furmaata waaraa fiduu akka qaban gaafateera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.