Fana: At a Speed of Life!

Obbo Fiqaaduu Tasammaan qaamolee milkaa’ina Irreechaa Hora Harsadiif gumaachan galateeffatan

Finfinnee, Fulbaana 27, 2016 (FBC)-Ayyaanni Irreechaa hora Harsadii karaa nagaa fi milkaahina qabuun xumuramuu isaatiin qaamolee milkaahina ayyaana kanaatiif gumaacha taasiftan hundaan galatoomaa jedhan Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan.

Dabalataan tokkummaa fi obbolummaa dhugaa kabaja ayyaana Irreechaa irratti mul’ate yeroowwan kaanis itti fufsiifnu jedhaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

Akkuma guyyaa kaleessaa irreecha hora Finfinnee irratti tokkummaaf obbolummaan dhugaa lammiilee gidduutti ifee mul’ate guyyaa har’aas Irreechi hora Harsadee akkaataa duudhaa fi safuu isaa eeggatee fi hammattummaa uummata Oromoo mirkaneesseen nagaa fi gammachuun kabajamee xumura argateera.

Kabajni ayyaana Irreecha hora harsadee jala bultii isaa irraa eegalee miidhagina addaa kan goonfate yemmuu ta’u, hirmaattotni ayyaanichaa uffannaa aadaa gara garaatiin miidhaganii ayyaanichatti simboo horuudhaan gamatti qaabeenya guddaa gama aadaa fi eenyummaatiin qabnu beeksisuudhaan gumaacha ol’aanaa taasisaniiru.

Irreechi hora Harsadii hirmaattota miiliyoonaan lakkaahaman keessummeessuun cinaatti sabaa fi sablammoota biyyattii hedduu hirmaachisuudhaan dirree heddumminni keenya miidhagee itti mul’ates ta’uu danda’eera.

Kabajni ayyaanichaa akkaataa duudhaa isaa eeggateen rakkoo tokko male nagaan kabajamee akka xumuramuuf gumaacha ol’aanaa kan taasiftan, Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee, Qaamoleen nageenyaa, dargaggootni fi shamarran, hooggansi fi qaamoleen hawaasaa sadarkaan jirtan akkasumas miidiyaaleen biyya keessaa fi biyyoota alaa sirna miidhagaa kana addunyaaf ifatti agarsiiftan hunda caalaa ammoo keessummoota iddoolee garaa garaatii dhufan gammachuun simattanii, kan qabdan irraa qooddanii keessummeessuudhaan jaalala dhugaa kan mul’iftan uummatni magaalaa Bishooftuu galata guddaatu isiniif mala.

Xumura irrattis tokkummaa fi obbolummaa dhugaa kabaja ayyaana irreechaa irratti mul’ate yeroowwan kaanis jabeessinee akka itti fufsiifnu dhaamsa koo dabarsuun barbaada.

Galatoomaa!
Fiqaaduu Tasammaa
Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.