Fana: At a Speed of Life!

Har’a Arsenaalii fi Maanchister Siitiin Morkii jabaa gaggeessu

Finfinnee, Fulbaana 27, 2016 (FBC)- Tapha Pirimeerliigii Ingilaandiin har’a Arsenaal dirree isaa Emireetis irratti Maanchister Siitii keessummeessu xiyyeeffannoo olaanaan eegama.

Kilabootni lameen bara darbe sadarkaa 1ffaa fi 2ffaan kan goolaban, taphni galgala kana sa’aatii 12:30 irratti taasisan hawwiin eegama.

Arsenaal taphoota Pirimeerliigii 12’n darban Siitii waliin taasisaniin kan mo’ame yoo ta’u, bara 2015 irraa eegalee tapha kanaan Maanchister Siitiin olaantummaa qaba.

Kilabichi bara kana taphoota Pirimeerliigii torba keessaa shan injifachuun, lama qixa ba’uun erga bara 2007/08 as osoo hinmoo’amin jira.

Arsenaal garee Gaardiyoolaa Waancaa Koomuniitii Shiildii irratti rukkuttaa adda bahiinsaan kan injifatan yoo ta’u, leenjisaan Arsenaal Miikaayel Arteettaan gareen isaa istaadiyeemii Emireetis irratti injifachuuf ofitti amanamummaa qaba jedhu.

Umurii leenjisummaa isaan Miikaayel Arteettaan Pirimeerliigii Ingilaandiin Maanchister Siitii injifatee hinbeeku.

Goolii eegaan Maanchister Siitii Edersan har’a tapha 300ffaa Siitii hirmaachuuf jira.
sababa miidhamaan Bukaayoo Saakaa Arsenaaliin hin tajaajilu.

Tasfaayee Ijjiguutuu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.