Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannichaa Irreecha meeshaa dippilomaasii akka ta’u mirkaneessuuf cimsee kan hojjetu ta’uu ibse

Finfinnee, Fulbaana 27, 2016 (FBC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa Biyyattiin Irreecha akka meeshaa dippilomaasii tokkootti akka itti fayyadamtu fi turiizimii ishee dagagsituu mirkaneessuuf cimsee kan hojjetu ta’uu ibse.

Irreechi Hora Finfinnee fi Hora Arsadee milkiin xumuramuu ilaalchisee Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaan ibsa miidiyaaleef kennaniin, Irreechi baranaa Oromoon hammataa ta’uu bifaa argisiiseen nagaan kabajamee xumuramuu ibsaniiru.

Irreechi kunis hariiroo obbolumma, yaa’iinsa tuuristii biyya keessaa fi alaa kan cimsee fi si’eesse, maddaa dinagdee fi carraa hojii kan uumuu ta’uu himaniiru.

Gama biraatiin humnoonni siyaasa amantii da’eeffachuun ololaa Irreecharratti gaggeessaa turuu yaadachiisanii, ummanni Oromoos garaagarummaa siyaasaa fi amantaa tokko malee Irreechaa nagaan kabajeera jedhan.

Kana ta’uunis humnoota siyaasaa kan qaanesseedha jedhanii, Oromoon tokkummaan isaa dagaggee guddatee kan itti fufu malee ololaan diigamuu akka hindandeenye bu’uuraa cimaarra jiraachuu kan argisiise ta’uu dubbataniiru.

Milkaa’inaa Irreechaa baranaa milkeessuu keessatti qaamolee nageenyaa, dargaggoota, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee galateeffataniiru.

Akkasumaas sabaa fi sabalammoota ayyaanichaarratti hirmaataanis galateeffataniiru.

Ayyaanni Irreechaa ijaarsa biyyaa keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeruun, hariiroo ummataa fi ummataa cimsuu keessatti waan gumaachuuf mootummaan naannichaas ayyaanichi biyyoota ollaatti akka kabajamu cimsee kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan biyyattiin Irreecha akka meeshaa dippiloomaasii tokkootti akka itti fayyadamtu, turiizimii ishee dagagsituuf mootummaan naannichaa kana mirkaneessuuf cimsee kan hojjetu ta’uu akkeekaniiru.

Hawaasa Magaalota Finfinnee, Shaggar, Bishooftuu keessummootaa simachuun waan geggeessaniifis galateeffataniiru.

Tasfgaayee Ijjiguutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.