Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni ijaarsa nageenyaaf gahee isaanii akka bahatan hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2016 (FBC)- Hojiilee tola ooltummaa jalqabamaniin dargaggoonni duudhaalee hawaasummaa akka cimsan taasisuun ijaarsa nageenyaa biyyattiif gumaacha gama isaanii akka bahatan hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Ministeerichi sagantaa leenjii dargaggoota tola ooltotaa marsaa 8ffaa Yuunivarsiitii Jimmaatti eegalchiiseera.

Itti Gaafatamtuun Waajjira Ministeerchaa Aadde Hiruut Dileeboon akka ibsanitti, tola ooltummaan kan namni akkaataa sammuun isaa ajajetti nama biraaf of qusaannaa malee raawwatuudha.

Sagantaan tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa mata duree “Gaarummaa Waloomaaf” jedhuun eegalame, duudhaalee Itiyoophiyummaa dargaggoota dhaalchisuun, qoqqoodamiinsa garaagaraa jiru dhabamsiisuun jaalala biyyaa guddisuu keessatti gumaacha dargaggootaa cimsuuf akka ta’e eeraniiru.

Sadarkaa biyyaalessattis marsaawwan 7’n darbaniin dargaggoonni tola ooltonni kuma 45 ol leenji’uu dubbataniiru.

Yuunivarsiitiin Jimmaas Ministeera Nageenyaa waliin ta’uun daraggoota leenjisuun tumsaa hojiilee tola ooltummaa fi ijaarsa nageenyaa ta’uu danda’eera jedhan Bakka Bu’aan Pireezidaantii Yuunivarsiitichaa Injiinar Efireem Waaqjiraan.

Leenjichi erga eegalee marsaa 7’n dargaggoota kuma 14 fi 500 leenjisuu himanii, marsaa 8ffaa kanaan ammo dargaggoota kuma 1 fi 500 ol leenjisuuf ta’uu ibsaniiru.

Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.