Fana: At a Speed of Life!

Irreechi Hora Arsadee Nagaan Xumurameera-Humicha Waloo

Finfinnee, Fulbaana 27, 2016 (FBC)-Irreechi Hora Arsadee Bishooftuutti kabajamaa ture karaa duudhaa isaa eeggateen nagaan kabajamee xumuramuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa beeksise.

Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, qondaaltonni mootummaa, keessummootaa biyyootaa olaarra dhufan tuuuristoonni kan irratti hirmaataan Irreechi 2016 Hora Arsadee rakkoolee nageenyaa tokko malee nagaan kabajamee xumuramuun eereera.

Jiraattoonni Magaalaa Bishooftuu, qindeessitoonni ayyaanichaa, qaamoleen bulchiinsaa keessummoota ayyaanicha kabajuuf gara magaalattii dhufan, duudhaa Sirna Gadaan miiraa obbolummaan keessummeessuu cinaatti qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun nageenyaa ayyaanichaaf gumaacha olaanaa taasisuun ayyaanichi nagaan xumuramuu ibseera.

Qaamoleen ayyaanichi jala bultiirraa eegalee nagaan akka xumuramuuf gumaacha taasisan hundaas Humnichi Waloo galateeffateera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.