Fana: At a Speed of Life!

Irreechi Hora Finfinnee akkaataa duudhaa aadaa eegeen xumurame – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Fulbaana 26, 2016 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Irreechi Hora Finfinnee akkaataa duudhaa aadaa eegeen kabajamee xumuramuu ibsan.

Aadde Adaanach ayyaanichi milkiin akka xumuramu qaamolee itti gaafatamummaa isaanii ba’an hunda galateeffataniiru.

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee miiliyoonota hirmaachisuun duudhaa isaa haala eegeen kabajamuu xumuramuu ibsaniiru.

Afuurri tokkummaa, obbolummaa, jaalalaa fi waldanda’uu Irreecha Hora Finfinneerratti mul’ate dhimmoota birraattis dabaluu qaba jedhan.

Taatewwan calaqqee Irreechaa haala addaan mul’isaniin Irreechi Hora Finfinnee kabajamuu eeraniiru.

Finfinneen taateewwan addaa Irreecha calaqqeessisaniin Irreecha keessummeessuu eeraniiru.

Simannaa Obbulummaa jiraattoonni magaalichaa keessummootaaf taasiisan maqaa bulchiinsa magaalaa Finfinneen galateeffataniiru
Maraa’ol Kadirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.