Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis Irreechi Hora Finfinnee duudhaa aadaa eegee akka kabajamu qaamolee itti gaafatamummaa isaanii ba’an galateeffatan

Finfinnee, Fulbaana 26, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Irreechi Hora Finfinnee duudhaa aadaa eegee akka kabajamu qaamolee itti gaafatamummaa isaanii ba’an hunda galateeffataniiru.

Ayyaanichi karaa nagaa, haala miidhagaa fi duudhaa isaa eeguun kabajamee xumuramuu ibsaniiru.

Irreechaan ayyaana galateeffannaa, dhiifamaa, araaraa, nageenyaa, tokkummaa fi obbolummaa ta’uu isaa ifatti mul’iseera jedhan.

Qaamolee milkaa’ina ayyaanichaaf itti gaafatummaa isaanii sirnaan ba’an hunda galateeffataniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.
Irreechi Hora Finfinnee karaa nagaa fi miidhagaa ta’een akkasumas duudhaa fi sirna isaa eeggateen kabajamee xumurameera. Kunis, Irreechi ayyaana galateeffannaa, araaraa, dhiifamaa, jaalalaa, nageenyaa akkasumas tokkummaa fi obbolummaan olka’ee itti mul’atu ta’uu isaa mirkaneessee jira.

Ayyaanni namoonni miiliyoona hedduutti lakkaa’aman biyya keessaa fi biyya alaa irratti hirmaatan, karaa nagaan kabajamee xumuramuun isaa uummanni keenya uummata nagaa jaalatu; aadaa fi duudhaan keenyas nagaaf bakka guddaa kan kennu waan ta’eef naannoo fi biyya keenyaaf injifannoo guddaadha.

Kanaafuu, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Qeerroo fi Qarreen, Foolleen walumaagalatti uummanni Oromoo hundi Aadaa keenya tiksitanii akkuma asiin geessan har’as ulfoo Oromootti kabaja horuu fi nageenya ayyaanichaa eegsisuun, Irreechi Hora Finfinnee milkiin akka xumuramu waan taasistaniif irra deebi’ee isin galateeffachuun barbaada.

Hooggansaa fi jiraattota magaalaa Finfinnee, Sabaaf sablammoonni, caasaaleen mootummaa sadarkaan jirtan, keessummoonni Idil Addunyaa, caasaaleen nageenyaa mootummaa Federaalaa, bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Naannoo keenyaa hundi ayyaanni Irreechaa karaa duudhaa fi sirna isaa eeggateen akka kabajamu akkasumas hirmaattonni ayyaanichaa rakkoon nageenyaa osoo isaan hin muudatiin akka kabajatan gumaacha guddaa waan taasistaniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata guddaa isiniif galcha.

Gama biraan, ogeeyyiin miidiyaa biyya keessaa fi biyya alaa ayyaanni Irreechaa ayyaana galateeffannaa; araarri, dhiifamni, nageenyii fi jaalalli itti lallabamu tokkummaa fi obbolummaan itti daraaru ta’uu bira darbee duudhaa araaraa fi dhiifamaa addunyaan irraa barachuu qabu akka ta’e ogummaa keessaniin dabaaltanii ijaa fi gurra uummata addunyaatiin geessan hundi galatoomaa jechuun barbaada.

Xumura irrattis, akkuma Irreechi Hora Finfinnee karaa nagaan kabajamee xumurame, Irreechi Hora Arsadee guyyaa boruu magaalaa Bishooftuutti kabajamus, bifa ulfoo Oromoof ulfina kennee fi guddummaa keenya agarsiisuun akka Irreeffatamuuf gumaacha isin irraa eegamu akka taasistan waamicha koon dhiyeessa.

Oromiyaa ni ijaarra!

Itoophiyaa ni utubna!

Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!

Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fulbaana 2016
Finfinnee
#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.