Fana: At a Speed of Life!

Irreechi Faajjii nageenyaa, tokkummaa fi obbolummaati –Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC) – Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Irreechi Faajjii nageenyaa, tokkummaa fi obbolummaati jedhan.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Waaqa lafaa fi samii miidhagina goonfachiisee, uumama hundaa sirneessee uume kan itti galateeffannu jala bulti ayyaana Irreechaa irratti argamna. Ayyaana kabajamaa duudhaan obbolummaa, dhiifamaa fi araaraa itti calaqqisu kan Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Foolleewwanii fi Shamarran Oromoo darbees sabaa fi sablammootni biyyattii biroon uffannaa aadaatiin faayamanii qooda irratti fudhatanu ayyaanni Irreechaa, ayyaana guddaa hawwii fi abdii gaariin eegamu waan ta’eef Oromoota biyya keessaa fi biyyoota alaatti argamtan akkasumas sabaa fi sablammoota biyya keenyaa maraan baga guyyaa kabajamaa kanaan ittiin isin gahe jechuun fedha.

Oromoon bishaan rooba baatii gannaatiin guutee fira wal irraa fageesse hir’atee, samiin duumessaan haguugamee lafa dukkaneesses ifee birraan yoo bari’u waaqa galateeffata. “Waaqa dukkana gannaa dabarsitee, midhaan magarsitee, ooyruu miidhagsitee barii birraa nu agarsiifteef galata” jechuun Irreecha irratti uumaa yaadata.

Namni kamuu irreechaaf wayita deemu jibba dhiisuu fi araara buusuu qaba. Irreechaa wayita deebi’us gadoo fi muffii qabachuu, dabaa fi jal’ina yaadachuurraa of qusachuutu irraa eegama. Irreechi dirree nagaa fi araaraa, tokkummaa fi obbolummaa waan ta’eef namuu waaqaaf galata galchuuf malkaatti imaluun duratti qajeeltoowwan kanneen hojiirra oolchuun waan irraa eegamuuf Irreechi ayyaana galateeffannaa qofa osoo hin taane calaqqee duudhaan tokkummaa, dhiifamaa fi obbolummaa itti mul’atudhas jedhama.

Bu’uurri nageenyaa, tokkummaa fi waliin jireenyaa araaraa fi dhiifama waan ta’eef sonawwan kanneeniin kan guutame ayyaanni irreechaa uummata Oromoofis ta’ee sabaaf sablammoota birootiif wiirtuu duudhaa obbolummaa irraa qooddatan ta’uun tajaajilaa jira. Keessumattuu ayyaanni irreechaa yeroo dhiyoodhaan asitti daran bal’achuudhaan uummata Oromoo bira darbee sabaa fi sablammoota biyyattii akkasumas lammiilee biyyoota garaa garaa hedduu hirmaachisuudhaan ayyaana addunyaalessaa guddaa ta’aa dhufee jira.

Nuti Itoophiyaanotni aadaa fi duudhaalee waliinii hedduudhaan kan badhaafamne, sirnoota tokkummaa keenya jabeessan baayyeedhaanis faaya kan goonfannedha. Ayyaana Irreechaatiin gamattis dilbii walooma keenyaa kanneen akka jijjiirraa bara haaraa uummata Sidaamaa Fichee Cambalaalaa, Yaahoodee uummata Hadiyyaa, Yoo Masqalaan ummata Gaammoo, Daraaroon uummata Geedi’oo, Gifaattaan uummata Walaayittaa akkasumas Ashandaa fi kanneen biroon ayyaanota uummataa haalluu fi miidhagina addaa goonfatanii waloon kabajamanii fi hariiroof walitti dhufeenya keenyas daran jabeessanidha.

Heddumminni keenya madda miidhaginaa fi bu’uura tokkummaa keenyaa waan ta’eef duudhaa fi eenyummaa keenya waliif kabajnee fi ida’amnee tokkummaan yemmuu dhaabbannu jabinaa fi faaya waliinii dabalanna. Garaagarummaa caalaa obbolummaa dhugaa mirkaneessinee gamtaan yemmuu sochoonu injifannoo gama hundaa goonfanna, Itoophiyaa aarsaaf tumsa dhalootaatiin eegamtee har’a geesses badhaadhinatti tarkaanfachiifna. Kun akka dhugoomuuf ammoo daandii obbolummaa sab daneessummaa irraa waloon imaluu dhugaa bu’uureffate dagaagsuudhaan humnoota carraa argataniin gargar nu fageessuuf hawwan irratti tokkummaan qabsaahuutu nurraa eegama.

Irreechi ayyaana guddaa nageenyi, jaalalli, tokkummaa fi obbolummaan dhugaa qofti itti labsamuu fi kennaa waaqaatiif galatni itti galfatamudha. Ayyaanichi miira nagaa fi araaraatiin waaqa kan ittiin galateeffatan waan ta’eef, lootee seentota ayyaana uummataa akka carraa gaariitti fayyadamuudhaan nageenya booressuuf socho’an sirnaan hordofuun barbaachisaadha.

Irreechi baranaa nagummaan isaa eegamee akka kabajamuuf hanga jala bultii ayyaanichaatti gumaacha ol’aanaa taasisaa kan turtan qaamolee nageenyaa, Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee, Foolleewwan akkasumas Miidiyaalee fi hooggansa sadarkaan jirtaniif galata galchaa, ayyaanni irreechaa haala duudhaa isaa eeggateen milkiin kabajamee akka xumuramuuf gumaacha baramaa akka taasiftan dhaamsa koo dabarsuun barbaada.
Irra deebiidhaan baga jala bultii ayyaana Irreechaatiin nagaan ittiin isin gahe!

Ayyaana Gaarii!

Fiqaaduu Tasammaa

Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.