Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Irreechaa agarsiiftuu araaraa, obbolummaa fi tokkummaati – Obbo Ordiin Badirii

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badiriin Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ayyaanni Irreechaa agarsiiftuu araaraa, obbolummaa fi tokkummaati jedhan.

Irreechi qabeenya hawaasummaa, diinagdee, siyaasaa ta’uu irra darbee ayyaana guddicha tokkummaa, waliinummaa fi waldeeggarsa cimsu ta’uu eeraniiru.

Mootummaan naannichaa baroota darbanii asitti Aadaa, duudhaa fi seenaa Oromoo guddisuuf hojiiwwan garaagaraa hojjacha kan jiru yoo ta’u, keessumattuu ayyaana Irreechaa ilaalchisee hubannoo guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Ayyaana Irreechaa bara kana kabajamu bifa sabaa fi sablammoota biroo hirmaachiseenii fi bifa bareedaan akka kabajamu abdii guddaa qabaachuu ergaa isaaniin kaasaniiru.

Ayyaanichi wayita kabajamu bifa Aadaa fi duudhaa eeggateenii fi cimsuun kabajaa akka dhaloota itti aanuuf darbutti ta’uu qaba jedhan.

Hirmaattonni ayyaanichaas tokkummaa fi obbolummaa cimsuun bifa nageenya mirkaneessuun akka xumuramu gahee isaanii akka bahan waamicha dhiheessaniiru.

Mootummaan Naannichaa Ayyaanni Irreechaa akkuma duraanii kan nagaa, jaalalaa, kan obbolummaa fi waloo akka ta’u hawweera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.