Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaan durfamu Godina Godina Jimmaa Aanaa Shabee Sombootti Ruuzii kilaasteraan misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu Godina Godina Jimmaa Aanaa Shabee Sombootti Ruuzii kilaasteraan misoomaa jiru daawwateera.

Hojiin misooma qonnaa Godina Jimmaatti hojjetamaa jiru karoora imala badhaadhinaa qabame yeroo gabaabaatti kan mirkaneessu ta’uu Girmaan ibsaniiru.

Hojii qonnaa haala barameen maasaa xixiqqaarratti hojii xixiqqaa hojjechuun jijjiirama akka badhaadhinaatti qabame yeroo gabaabaa keessatti fiduu waan hindanada’amneef naaannoleen hundi muuxannoo gaarii godina Jimmaarraa argatan baayyinaafi saffisa barbaadamuun hojjechuun babal’isuu akka qaban Dooktar Girmaan dhaamaniiru.

Hojii ce’umsa qonnaa dhugoomsuuf qabame milkaa’aa jiraachuu hojiin Godina Jimmaatti hojjetamaa jiru agarsiiftuu ta’uu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun ibsuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.