Fana: At a Speed of Life!

Itiyoo Poosti Naannawaa Afrikaatti tajaajila fooyya’aa kennuun badhaafame

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC)- Itiyoo Poosti Naannawaa Afrikaatti tajaajila fooyya’aa kennuun filatamaa ta’uun sagantaa Sa’ud Arabiyaa Riyaaditti gaggeeffamerratti badhaafameera.

Badhaasicha kan argates waggaa waggaan madaallii kennitoota tajaajilaa Gamtaa Tajaajila Poostaa Idil Addunyaan gaggeemeerratti ta’uun ibsameera.

Itiyoo Postaanis ulaagaa kaa’ame guutuun naannawaa Afrkaatti filatamaa 2023 ta’uun injifateera.

Badhaasichas Hoji Gaggeessaan Tajaajilichaa Obbo Gaashaawu Marshaa fuuchuu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

Itiyoo Poostaan waggoottan darban riifoormiiwwan dhaabbatummaa hojiirra oolchuun fooyya’iinsa kenniinsa tajaajilaa akkasumas saffisaa ergaawwanii waliin ga’uurratti jijjiiramaa olaanaa fiduun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.