Fana: At a Speed of Life!

Irreechi jaalalaa fi araara kan mul’isu kan hunda keenyaati-Aadde Adaanech

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC)- Irreechi jaalalaafi aaraara kan mul’isuu fi kan hunda keenyaati jedhan Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Fooramii Irreechaa 5ffaa gaggeeffamaa jirurratti haasawaa taasisaniin, Irreechi Oromoon qofan kabajamaa ture yeroo ammaa sabaaf sablammoota biroo waliin kabajaa jira jedhan.

Kunimmoo irreechi kan hunda keenyaa ta’uu fi jaalalaafi aaraara kan mul’isuudha jedhaniiru.

Guyyaan irreechaa guyyaa oromoon kallatti hundaan walitti dhufee tokkummaan ayyanicha kabaju ta’uu himanii, Irreecha guyyaa boruu Hora Finfinneetti kabajamufi magaalattiin haala gaarin simannaa taasisuuf qophaa’uu dubbataniiru.

Irreechi duudha sirna gadaa akkuma nu barsiise mallattoo tokkummaa Oromootis jedhaniiru.

Yeroo irreeffannus nagaa, duudhaa keenya eeggachuun barbaachisaa ta’uu kaasanii, Irreechi hawwata tuuriizimii waan ta’eef Finfinneen carraa kanatti fayyadamtee irreechi hawwata turizimii Addunyaa akka ta’u hojjachaa jiraachuu eeraniiru.

Finfinneen irreechi akka dudhaa isaatin kabajamuuf qophooftee anaa dhufu jetti kan jedhan Aadde Adaanech jiraattonnis keessumoota dhufan kabajan akka simatan, qaamoleen nageenyas nageenya akka eegan imaanaa jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.