Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Indaastirii fedhii oomishaalee waraqaa %77 biyya keessaan uwwisuun akka danda’ame ibse

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC)- Biyya keessatti waraqaalee fi bu’aalee waraqaa oomishuun waan danda’ameef fedhii biyya keessaa %77 uwwisuun akka danda’ame Ministeerri Indaastirii beeksise.

Ministeerichi waltajjii marii rakkoolee indaastiriiwwan omisha waraqaa fi bu’aalee waraqaa furuuf kaayyeffate qaamolee dhimmichi ilaallatuu fi abbootii qabeenyaa waliin gaggeesseera.

Ministirri Ministeerichaa Obbo Malaakuu Allibal waltajjicharratti, bu’aalee waraqaa oomishuun waan danda’ameef oomishaalee damichaa alaa galan hir’isuun akka danda’ame himaniiru.

Yeroo ammaas oomishaaleen waraqaa %22.5 qofti gara biyya keessaa kan galfaman ta’uu akeekaniiru.

Dandeetiin hafteewwan oomisha waraqaa fi bu’aalee waraqaaf oolanii deebisanii fayyadamuu dhaabbileen oomishtootaa gadaanaa ta’uu eeranii, indaastiriiwwan oomishaa waltumsuun rakkicha furuu akka qaban hubachsaniiru.

Gama kanaan mootummaan rakkoolee damichaa furuuf kutannoo qabaachuu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.