Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Sagantaan Nyaata Manneen Barnootaa har’a eegalame

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti sagantaan nyaata manneen Barnootaa bara 2016 har’a eegalameera.

Sadadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhaakiim Muluu fi hoggantoonni mootummaa naannoo Oromiyaa biroon har’a sagantaa nyaata manneen barnootaa kana Magaalaa Moojoofi Adaamaatti eegalchiisaniiru.

Biiroon Barnootaa Oromiyaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiilee hojjetaa jiru keessaa tokko nyaata manneen barnootaa ta’uu ibsameera.

Bara barnootaa 2016 keessa barattoota miiliyoona 7.5 oliif nyaataa dhiyeessuuf karoorfamee har’a ifatti eegalamuu ragaan Biiroo Barnootaa naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Bara barnootaa 2015 keessa barattoota miiliyoona 5.4f nyaata dhiyeessuun danda’ameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.