Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanota addaabaabayii bakka hawwata tuuristootaa taasisuun itti fayyadamuu qabna jedhame

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC)- Mana waloo kan taate Magaalaa Finfinneetti ayyaanota addabaabaayii kabajaman bakka hawwata tuuristootaa taasisuun guddina dabalataaf akka gumaachu taasisuun barbaachisaa ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee Obbo Mogas Baalchaan dubbatan.

Ayyaana Irreechaa ilaalchisuun waltajjiin Marii Paanaalii Sadarkaa kutaalee magaalaatti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Obbo Mogas baalchaanis waltajjicharratti Ayyaanni Irreechaa Duudhaa isaa eeggatee hawwattummaan isaa eeggamee, nagaan, jaalalaa fi waltumsaan kan kabajamu ta’un eerameera.

Dabalataan, irreechi calaqqee jaalalaa, nageenyaa fi galteeffannaa kan namni hunduu walqixxummaan ayyaaneffattuudha jedhan.

Ittaanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Obbo Jaanxiraar Abbaay gama isaaniin, Irreechi qaama Sirna Gadaa keessaa tokko ta’uu kaasanii, bacaqiin Gannaa darbee wayita Birraan bari’u ayyaana waaqa itti galateeffataan ta’uu kaasaniiru.

Ayyaannichis duudhaa isaa karaa eeggateen Finfinneetti akka kabajamu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.