Fana: At a Speed of Life!

Misooma jallisii baranaan qamadii lafa hektaara miiliyoona 3 irraatti misoomsuuf hojjetamaa jira-Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC)- Misooma jallisii baranaan qamadii lafa hektaara miiliyoona 3 irraatti misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Minsteerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichi Waltajjii sosochii misooma jallisii Qamadii Magaalaa Jimmaatti gaggeessaa jira.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen, bara kana qamadii heektaara miiliyoona sadii jallisiidhaan misoomsuuf karoorfameera jedhan.

Kunis lafa heektaara miiliyoona 1.3 bara darbe Ganna jallisiin misoome irraa hektaara miiliyoona 1.7’n caalmaa akka qabu ibsaniiru.

Hojiilee misooma jallisii Bonaa baranaatiif paampii bishaanii jirutti dabalataan paampiiwwan bishaanii kuma 12 biyyaa keessa galfamuu ibsaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.