Fana: At a Speed of Life!

Komiishinichi miidhaa Hongeen qaqqabsisuu hir’isuuf hojjecha jiraachuu ibse

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC)-Kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti hongee mudatee miidhaa qaqqabsiisu hir’isuuf hojiileen deeggarsa namoomaa hojjetamaa jiraachuu Koomishinarri Koomishiinii Hoggaansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Shifarrawu Takilamaariyaam ibsaniiru.

Keessattuu Naannoo Amaaraa fi Tigraayitti hoongee mudate dandamachiisuuf hojiileen hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Torbee kana keessaa lammiilee miiliyoona 7.2’f deeggarsi barbaachisuuf akaakuu fi mallaqaa biiliyoona 4.6 taasiifamu ibsaniiru.

Deeggarsi taasifames namoota dursi kennamuu fi qabu irratti kan xiyyeeffatee ta’uun ibsameera.

Balaa hoongeef deebii kennuuf hawaasni fi caasaaleen mootummaa tumsa akka taasiisaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.