Fana: At a Speed of Life!

Afaan Oromoo Diijitaalessuun guddina afaanichaaf bu’aa guddaa qabaachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC) – Mariin Hayyootaa imala Afaan Oromoo dijitaalemsuurratti xiyyeeffate magaalaa Finfinnee galma Yuunivarsiitii Riiftiivaalii keessatti taa’amaa jira.

Hojiin kun erga jalqabamee waggaa 1 kan darbe yoo ta’u, hayyootni afaanii dhaabbilee barnoota ol’aanoo keessatti barsiisanii fi gaazexeessitootni irratti hojjetaa turaniiru.

Haala amma irra gahanii fi wantoota gara fuula duraatti isaan eeggatu irratti mari’achaa jiru.

Dhimmoonni bu’aa ba’ii Seenaa guddina Afaan Oromoo, hojiilee Afaanicha dijitaalessuuf hojjetamanii fi imala gara fuula duraa hiikaa googilii Afaan Oromoorratti mari’atamaa jira jedhame.

Walitti qabaan Boordii Waldaa Afaan Afrikaa Piiroofeesar Tashoomaa Sooromsaa akka jedhanitti Afaan Oromoo dijitaalessuun kan barbaachiseef tarree afaan gurguddoo addunyaatti makuun dorgomaa taasisuufi jedhan.

Hojicha milkeessuuf ciminaan hojjechuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Afaan Oromoo dijitaalessuun Afaan barnootaa, qo’annoofi qorannoo fi daldalaa addunyaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Walitti qabaan hayyoota Yuunivarsiitii Dooktar Fiqaaduu Qana’aan eeraniiru.

Hojiin namoota muraasaan eegalame waggaa tokko keessatti bu’aa jajjabeessaa argamsiisuu kaasaniiru.

Afaan Oromoo Diijitaalessuun guddina afaanichaaf bu’aa guddaa qabaachuu dubbataniiru.

Gufuu fi hanqinoota jiran kutannoo fi murannoon ce’uun injifannoo jajjaboo galmeessuun danda’amuu ibsaniiru.

Yeroo ammaas hojiin hanqina Hiikaa googilii Afaan Oromoo sirreessuu, Jijjiirraa barreeffamaa, sagalee fi kanneen biroorratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu marichaan ibsameera.

Oliiqaa Girmaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.