Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Irreechaa nagaan akka kabajamuuf qophiin xumurameera-BKO

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC)- Ayyaana Irreechaa bara 2016 Sanbataa fi Dilbata dhufu kabajamu karaa nagaan duudhaasaa eeggatee akka kabajamuuf qophiin barbaachisaan xumuramuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksiseera.

Qophii Ayyaanichaa ilaalchisuun Hogganaan Biirichaa Obbo Haayiluu Addunyaan ibsa miidiyaaleef kennan, Irreechi kan Oromoon garaagarummaa tokko malee kallattii afraniin walitti bobba’ee kabajamuu fi mallattoo tokkuummaa Oromooti jedhaniiru.

Ayyaanichi karaa Aadaa fi duudhaa isaa eegateen akka kabajamuuf qophiin bal’aan taasifamaa turuu yaadachiisanii, marii uummataa fi foolleewwanii gaggeessuurraa kaasee qophiileen barbaajjisaan hundi xumuramuu hmaniiru.

Irreechi bakka hora Finfinnee fi Hora Arsadeetti gaggeeffamu milkiin akka xumuramuuf hunduu gahee isaa akka bahatuu fi kallattii Abbootiin gadaa kaa’an hordofuun barbaachisaa ta’uu dhamaniiru.

Wantoota faallaa Duudhaa fi Aadaa ayyaanichaa ta’ani qabatanii argamuu fi ilaalchoota ayyaanichaan ala tahan calaqqisiisuun akka hin dandahamnes Obbo Hayiluun akeekaniiru.

Nageenya waloof jecha hojii qaamolee nageenyaa fi foolleewwan Abbootii Gadaatiin filataman tumsuun barbaachisaa tahuu kan himan Obbo Hayiluun, Abbootii Gadaaf ajajamuun dirqama jedhaniiru.

Yidneqaachoo H/Maariyaamtu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.