Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti Irreecha Hora Finfinnee akkaataa duudhaa isaa eeguun kabajuuf qophiin taasiifamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 23, 2016 (FBC) – Finfinneetti Irreecha Hora Finfinnee akkaataa duudhaa isaa eeguun kabajuuf qophiin taasiifamuu foollewwan kutaalee magaalaa beeksiisan.

Foollewwan kutaalee magaalaa Finfinnee hundarraa walitti babba’an haala kabaja Irreecha Hora Finfinneerratti mari’ataniiru.

Irreecha Hora Finfinnee mata duree Irreechi:- Faajji Tokkummaafi Obbolummaati!! jedhuun Fulbaana 26, 2016 haala duudhaa isaa eegeen kabajuuf qophiin taasiifamuu hirmaattoonni waltajjichaa ibsaniiru.

Af Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Bizeenaa Alqaadir waltajjirratti argamuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana tokkummaa, jaalalaa, walummaa, waldanda’uu fi nageenyaa ta’uu isaan keessummoota kabaja Irreecha Hora Finfinneef gara magaalichaa dhufaniif haalan simachuuf qaamni dhimmi ilaallatu hundi itti gaafatamummaa isaanii seeraan akka ba’an gaafataniiru.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinneetti hogganaan damee Siyyaasaa Obbo Alamaayyoo Ijjiguun gama isaaniin Irreechi Hora Finfinnee duudhaa, Seenaa fi aadaa ummata Oromoo haala madaaluun akka kabajamu Foolleewwan magaalaa Finfinnee qooda isaanii sirnaan akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.

Keessummoota kabaja Irreecha Hora Finfinneef gara magaalichaa dhufan karra Finfinnee shananuurratti kabajaan simachuun keessummeessuuf qophiin xumuramuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.