Fana: At a Speed of Life!

Qonni keenya waggaa waggaatti bu’aa raajii ta’e argamsiisaa jira – Pir. Shimallis

Finfinnee, Fulbaana 23, 2016 (FBC) – Yeroodhaa yerootti tooftaa, teeknoloojii haaraa qonna keenyaaf fidaa jirruun qonni keenya waggaa waggaatti bu’aa raajii ta’e argamsiisaa jira jedhan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Bara kanas gama hundaan bara karoora xiiqii qabannee itti hojjechaa jirru yoo ta’uu jalqabbiin isaas milkii gurguddaan kan dabaalamee ta’aa jira. Kanaaf karoorri keenya kan xiiqii qofa osoo hin taane karooraa milkiis akka ta’e mirkaneeffachuu jalqabneerra.

Keessumattuu immoo seektara qonnaatiin milkiin keenya dacha dachaa ta’aa jira.

Galmoota gurguddoo seektara qonnaatiin milkeessuuf qabannee keessa tokko wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu yoo ta’uu, omisha midhaan nyaata keenya dabaluufi hedduminaa akaakuu midhaanif omisha nyaataaf oolanii dabaluufi baay’inaan omishuuf kutannoon hojjetamaa jira.

As keessaa tokko hojii omisha qamadii yoo ta’uu, qonna ganna kanaatiin qofa lafa hektaara miliyoona 2.2 irratti misoomsuun danda’ameera. Qamadii jallisiidhaan misoomsuuf karoorfanne waliin lafa hektaara Miliyoona 2.5 irraa callaa kuntaala miiliyoona 180 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.