Fana: At a Speed of Life!

Eeyyamni konkolaattota gurguddaa sochoosuu har’a irraa eegalee kennamufi

Finfinnee, Fulbaana 23, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti har’a irraa eegalee eeyyamni sochii konkolaattootaa gurguddaa kan kennamu ta’uu Ejensiin Bulchiinsa Tiraafikaa magaalichaa beeksiseera.

Magaalichatti konkolaattoonni gurguddoon sa’aatii dhorkaman keessa akka socho’an har’aa eegalee eeyyamamuu bakka bu’aan Daayrektara Dhimmoota Kominikeeshinii ejansichaa Mokaanitti Minaaseen Faanaa Biroodkaastingi Korporeetiif himaniiru.

Konkollaattoonni kunneen Qaammee 6, 2015 eegalee hanga Fulbaana 15, 2016 tajaajila kennuu dhaabuun kan yaadatamuudha.

Murtoon kunis fooyya’iinsa taasiisuuf yaaddamee ta’uu dubbataniiru.

Kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun eeyyama yeroon irra darbee fi sanada sobaa qabatanii akka hin sochoone sirni diriiruu ibsaniiru.

Baayyi’inni Konkolaattoota eeyyamni sochii laatameef yaa’insa tiraafikaa kan gufachiisu yoo ta’e haala jiru tilmaama keessa galchuun lakkoofsi konkolaattoota kan hir’atan ta’uu kaasaniiru.

Hayimaanoota Wandiraaditu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.