Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni seensaa barnoota digirii 2ffaa Fulbaana 28-30, 2016 kennama

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Sadarkaa biyyaalessaatti qormaanni seensa barnootaa digirii 2ffaa Fulbaana 28-30, 2016 yuunivarsiitiiwwan mootummaa keessatti akka kennamu ibsame.

Ministir Deetaan Bakkaa Bu’aa Damee Misoomaa Barnootaa Olaanoo Ministeera Barnootaa Dooktar Solomoon Abrahaan, sagantaa barnoota digirii jalqabaa dhaabbilee barnootaa olaanoo dhuunfaa fi mootummaatti kennaman barachuuf qormaata seensaa biyyaalessaa fudhachuun haalduree taa’uu ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Deeskii Fooyya’iinsa Ga’umsaa fi Qulqullina Barnootaa Olaanoo Ministeerichaa Siisaay Mahaammad gama isaaniin, qormaata seensaa barnoota digirii 2ffaa biyyaalessaa kennamuuf galmeen Fulbaana 21-25, 2016 turu akka gaggeeffamu himaniiru.

Dabalataanis, Fulbaana 23-25, 2016’tti qormaanni shaakalaa kan kennamu ta’uu ibsuun, kanneen qormaaticha fudhatanis yuunivarsiitii galmaa’anitti argamuun lakkoofsa iccitii (Password) fi Maqaa ittiin seensaa (Username) fayyadamuun qormaata shaakalaa fudhachuu akka danda’an ibsaniiru.

Itiyoo Teelekomii fi Yuunivarsiitiin Finfinnee qormaatichi haala milkaa’aan akka gaggeefamuuf tattaaffii gama isaanii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.