Fana: At a Speed of Life!

Barattoota fedhii addaaf meeshaaleen barnootaa Birrii miiliyoona 10.8 tilmaamamu taasifame

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Biiroon Barnootaa Magalaa Finfinnee barattoota fedhii addaaf meeshaaleen barnootaa Birrii miiliyoona 10.8 tilmaamamu taasisuu beeksise.

Sagantichaas mata duree “Tajaajila barnootaa haqa qabeessaa waliingahiinsaa fi hirmaachisummaa barattoota fedhii addaaf” jedhuun gaggeeffameera.

Deeggarsichis, akaakuuwwan garaagaraa 28 kan hammate yoo ta’u, daa’immaan Bu’uura boruu hanga barattoota kutaa 12ffaa fayyadamtoota ta’uun eerameera.

Barnoonni fedhii addaa gurmaa’iinsa dhaabbatummaa akka qabaatu taasisuun xiyyeeffannaa bal’aan kennamee hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalichaa Dooktar Zalaalam Mulaatuun ibsaniiru.

Taarikuu Waldasanbatitu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.