Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Irreechaa 5ffaan Magaalaa Shaggaritti gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Fooramiin Irreecha 5ffaan Mata duree “Irreechii faajji tokkummaa fi obbolummaatti” jedhuun, Finfinnee Galma Giddugala Aadaa Oromootti gaggeeffameera.

Itti Gaafatamtuun Waajjira Aadaa fi Turizimii Magaalaa Shaggar Aadde Raahimaa Juhaar waltajjicharratti, Irreechi Oromoo biratti hawwii fi sirna galateeffannaa ta’uu kaasanii, bakka Oromoon gadoo of keessa baasee garaa qulqulluun uumaa isaa galateeffatudha jedhan.

Kaayyoon fooramiichaas Irreechi duudhaa fi safuu isaa eeggatee nagaan akka kabajamuu, eenyummaa Oromoo addunyaatti beeksisuuf akka ta’e dubbataniiru.

Ittaanaan Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Girmaa Hayiluun gama isaaniin Irreechi jaarraa16ffaa keessa kan hundeeffamee ta’uu yaadachiisanii, aarsaa uummanni Oromoo kanfalaa tureen har’a ga’uu ibsaniiru.

Irreechi giddugallii isaa tokkummaa fi nagaa waan ta’eef, nutis tokkummaa keenyaan biyyaa eeguu, safuu irreechaa eeguun qabeenya waloo kana eeggachuu qabna jedhaniiru.

Keessummoonni kallatti arfan irraa gara Finfinnee dhufan Magaala Shaggar keessa darbu waan ta’eef, keessummootaa duudhaa Oromummaan simachuu qabna jedhaniiru.

Fooramicha irratti barreeffamni Maalummaa Irreechaa irratti xiyyeeffate dhiyaachuun hirmaattotaan irratti mari’atameera.

Olyaad Ahimaditu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.