Fana: At a Speed of Life!

Barana Ruuzii kuntaalaa miiliyoona 44 argachuuf hojjetamaa jira-BQO

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Barana lafa hektaara miiliyoona 1 ol irraa Ruuzii kuntaalaa miiliyoona 44.2 argachuuf hojjtamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Hooggantootni Seektera Qonnaa Naannoo fi Godinaalee akkasumas, qooda fudhattoonni, Godina Jimmaa Aanaa Shabee Soombootti daawwannaa muuxannoo waljijjiirraa kilaastara misooma Ruuzii taasisaniiru.

Sagantaa daawwannichaarratti sadarkaa Oromiyaatti barana inisheetiivii misooma Ruuzin, lafa hektaara miliyoona tokko ol misoomsuun kunuunfamaa jiraachuu Ittaanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan himaniiru.

Godina Jimmaatti lafa hektaara kuma 200 ol irra ruuziin misoomaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Maammadxahaa Abbaa Fiixaa himuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.