Fana: At a Speed of Life!

Argisiisni fakkii Irreechaa baname

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Agarsiisni fakkii Irreechaa mata duree “Irreechi tokkummaa fi Obbolummaaf” jedhuun Godahambaa Finfinneetti banameera.

Sagantaan argisiisa fakkii kunis aadaa fi duudhaa irreechi tokkummaa fi obbolummaa cimsuu keessatti qabu mul’isuuf kan kaayyeffate ta’uu qopheessitoota sagantichaa irraa hubachuun danda’ameera.

Hooggantuun Biiroo Aartii, Aadaa fi Turiizimii Magaalaa Finfinnee Dooktar Hiruut Kaasaan, argisiisni fakkii Irreechaa kun haala gaariin irreecha kan ibsee fi addunyaattis beeksisuuf kan tumuudha jedhan.

Agarsiisni fakkii Irreechaa har’a baname kunis guyyoota 7’f kan turu ta’uun ibsameera.

Jaalallii Haayiluutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.