Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan teeknooloojii “Isteetiskooppi” fayyadamuun Afrikaarraa 2ffaa taate

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan teeknooloojii dijtaalaa hubannoo namtolcheen deeggarame “Isteetiskooppii” fayyaadamuun Afrikaarraa biyyaa 2ffaa taate.

Tajaajilli hubannoo namtoleen (Artifiishaal Intalajansii) deeggarame Itiyoophiyaatti yeroo jalqabaaf tajaajilaaf qophii ta’eera.

Sagantaan Isteetiskooppi dijitaalawaa ogeeyyii fayyaatti beeksisuu Hospitaalaa Ispeeshaalaayizdii Xuqur Ambassaatti gaggeeffameera.

Daayrektarri Medikaalaa Hospitaalichaa Dooktar Abdurrazaaq Ahimad sirnicharratti, hospitaalichi teeknooloojicha fayyadamuun hospitaalaa jalqabaa ta’uu himaniiru.

Itiyoophiyaan teeknoolojii dijitaalawaa hubannoo namtolcheen deeggarame “Iteetiskooppii” fayyadamuun Afriikaa Kibbaatti aanuun biyya 2ffaa ta’uu himuu ragaan Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Yuunivarsiitii Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Teeknooloojichi meeshalee qorannoo duraan turanirraa haala addaatiin ragaa bu’aa isaa waliin kan ibsu ta’uun eerameera.

Dabalataan, wal’aanamtoonni bakka jiranii haala salphaa ta’een ogeessa fayyaaf odeeffannoo qaqqabsisuu danda’u jedhameera,

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.