Fana: At a Speed of Life!

MM Dooktar Abiy Ahimad Miseensota Koomishinii Marii Biyyaalessaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad miseensota Koomishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin mari’ataniiru.

Koomishiniin Marii Biyyaalessaa gabaasa adeemsa hojii isaa Ministira Muummee fi qondaaltota olaanoo mootummaaf dhiyeessuun eerameera.

Walga’ichaan ijaarsa dhababatummaa, hirmaannaa qaamolee dhimmichi ilaallatuu, ajandaa marii bocuu, akkasumas hojiilee fuulduratti hojjetamanii fi adeemsa marii milkaa’aa taasisuuf rakkoolee furamuu qaban dabalatee adeemsaa hanga ammaatiin hojiileen hojjetaman dhiyaataniiru.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, marii biyyaalessaa dhufuun dhimmoota walfalmisiisoo ta’anirratti waliigalteerra ga’uuf tattaaffiin waloo taasifamu murteessaa ta’uu amantaa qaban ibsaniiru.

Dabalataan miseensota Koomishinii Marii biyyaalessaa waliin hojilee isaanii fi sadarkaa amma irra jiran irratti mari’achuus himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.