Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin ministiroota Inisheetiivii Gaanfa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Walga’iin ministirootaa Inisheetiivii Gaanfa Afrikaa har’a Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Walga’ii 18ffaa inisheetiivichaarraatti Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoo, Komishinara Walta’iinsaa Idil Addunyaa Gamtaa Awurooppaa Juutaa Urpilayinan, ministirootaa biyyoota miseensota inisheetiivichaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee tumsitootaa misoomaa hirmaataniiru.

Inisheetiviin Gaanfaa Afrikaa bara Faranjootaa 2019 ministiroota maallaqaa biyyoota Gaanfa Afrikaan kan hundaa’e yoo ta’u, walta’iinsa naannawaa cimsuu akkasumas hojiilee misoomaa garaagaraa, daldala, ijaarsa dandeettiirratti bu’aa fooyya’aa argamsiisuuf xiyyeeffannaan kan hojjetu ta’uu TOI gabaaseera.

Itiyoophiyaa, Keeniyaa, Somaaliyaa, Jibuutii, Eertiraa, Sudaanii fi Sudaan Kibba miseensota inisheetivichaati.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.