Fana: At a Speed of Life!

Guyyoota kurnan itti aanaan kutaaleen biyyattii hedduun Rooba ni argatu – IRHQ

Finfinnee, Fulbaana 21, 2016 (FBC) – Guyyoota kurnan itti aanaan kutaaleen biyyattii hedduun Rooba kan argatan ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa beeksise.

Kutaaleen Kibbaa fi Kibba Lixa biyyattii garri caalu Rooba fooyya’aa kan argatan ta’uu ibseera.

Godinaaleen Wallaggaa, Jimmaa, Iluu Abbaabor, Buunnoo Beddellee, Arsii, Baalee, Gujii, Harargee Bahaa, Booranaa, Goondarii fi Awwiin Rooba idilee fi idileen olii argatu jedhame.

Akkasumas godinaaleen Naannoo Beenishaanguul Gumuz, Sidaamaa, Kibba Lixa Itiyoophiyaa, naannoon Kibba Itiyoophiyaa fi Somaaleen Rooba Idilee fi Idileen olii kan argatan ta’uu Inistiityuutichi ibseera.

Dabalataan Godinaaleen Naannoo Gaambeellaa, Goondar Kibbaa, Walloo Kaabaa fi Kibbaa, Waaghimuraa, Giddu galeessaa fi KibbaTigraay, Harargee Lixaa, magaalaan Finfinnee, Dirre Dhawaa fi Harariin iddoolee tokko tokko Rooba salphaa ni argatuun kan eegamu ta’uu raagera.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.