Fana: At a Speed of Life!

Bara baajatichaatti oomishaalee hordofaman irraa Doolaara biiliyoona 1.1 argachuuf karoorfameera

Finfinnee, Fulbaana 21, 2016 (FBC)- Bara baajataa 2016 kanatti oomishaalee hordoffiin irratti taasifamu irraa Doolaara biiliyoona 1.1 argachuuf karoorfamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiins Naannawaa beeksise.

Gorsaan Ministiraa Ministeerichaa Obbo Masfiin Abbabaa FBC waliin turtii taasisaniin, ministeerichi oomishaalee hordoffii irratti taasisu oomishaalee dibataa fi midhaanota dheedhii, beeyladoota dhaabbii, Jimaa akkasumas nyaata beeyladoota irraa Doolaara biliyoona 1.1 argachuuf karoorfachuu beeksisaniiru.

Oomishaaleen kunneen baay’inaa fi qulqullinaan oomishamanii akka ergamanifis Ministeera Qonnaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbtaniiru.

Keessumaa alergitoota midhaanota Zayitaa onnachiisuun bittaa fi gurgurtaa naannawaa gabaa oomishaalee jiru oonlaayiniin akka ta’uuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Alergitoonni liqii akka argatan haala mijeessuu fi maashinota kunuunsa oomishaa qaraxaarraa walaba akka galchan deeggarsi akka taasifamus dubbataniiru.

Dabalataan, oomishaalee dheedhiirratti alertgitoota bobba’aniif qajeelfama bittaa fi gurgurtaa diriirfameen oomisha utuu hinkuusiin, yeroon kontiraata galuun gabaa idil addunyaaf akka dhiyeessan deeggarsaa fi hordoffii cimaa taasisuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Ta’us, hanqinni humna namaa, keemikaalaa fi galtee qorannoo Afilaatooksiinii akka jiru eeraniiru.

Rakkoo kana furuufis imaammanni misooma bu’uura qulqullinaa bocamuun barana akka raggaasifamu kan eegamuu himaniiru.

Itiyoophiyaan baazaariiwwan idil addunyaa irratti hojiilee oomishaalee ishee beeksisuu irratti xiyyeeffannaan kan hojjettu ta’uun ibsameera.

Daldala alaa Itiyoophiyaarratti dhiibbaa olaanaa uumaa kan jiru kontirobaandii ittisuuf ministeerichaa fi Koomishinii Gumurukaatti dabalataan naannoleen hirmaannaa akka taasisan gaafataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.