Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan damee Siiviil Aviiyeshiniin naannawichaaf deeggarsa taasiisuuf waliigaltee mallatteessite

Finfinnee, Fulbaana 18, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan damee Siiviil Aviiyeshiin naannawichaaf deeggarsa taasiisuuf Dhaabbata Siiviil Aviiyeshinii Idil Addunyaa waliin waliigaltee mallatteessite.
Akkaataa ulaagaa fi qajeelfama dhaabbatichaan deeggarsa taasisuuf waliigaluu ibsameera.
Waliigaltichi damee Aviyeeshinii naannichaa nageenya amansiisaa qabu, amanamaa fi itti fufiinsa qabu galmaan gahuuf murteessaa ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.
Bu’uura tajaajila deeggarsa raawwii hojii Waajjira Misooma Dandeettii fi Raawwii Dhaabbata Siiviil Aviyeeshinii Idil-addunyaatiin kennamuun hojiirra akka oolus ibsameera.
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Aviiyeshinii Idil Addunyaa Huwaan Kaarlosii fi Daayrektarri Abbaa Taayitaa Aviiyeshiinii Itiyoophiyaa Getaachoo Mangifteen waliigalticha mallatteessaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.