Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis Ayyaana Mawulidaa sababeeffachuun ergaa bagaa ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 15, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Baga Guyyaa Dhaloota Nabii Muhaammad (SAW) Waggaa 1498ffaan Nagaan Geessan jechuun eergaa dabarsaniiru.

Pireezidaanti Shimallis ergaa isaaniin Ayyaana Mowlidaa bara kanaas yemmuu kabajnu barsiisa Nabi Muhaammad (SAW) bu’uura godhachuudhaan duudhaa keenya miira waalii yaaduufi obbolummaatiin dabaalameen kan beela’e nyaachisuun, kan daare uwwisuun, kan dhibame gaafachuun kabajuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Guutuun ergaa isaaniis akka ittaanutti dhiyaateera.

Nabii Muhaammad (SAW) dhalatanii umurii waggaa 40 tti Qur’aana barsiisaa, kallattii Islaamaa ummata qabsiisaafi qajeeltoon Amantichaa akka babal’atu kan taasisaniifi qajeeltoo kanaanis hamaa yaaduufi haqa dabsuun daandii sirrii akka hin taane, amanamummaafi obbolummaan waliin jiraachuufi walii yaaduun hojii eebbifamaa ta’uu dhala namaa barsiisaniiru.

Kanaafuu hammeenya irraa wal deebisuun gaarii waliif yaaduu, wal dhiibuurra wal haammachuu, wal jibbuurra wal jaallachuun arjummaafi gaarummaa Nabii Muhaammad (SAW) qajeeltoo jireenya keenyaa godhachuu qabna.

Ayyaanni Mowlidaa hordoftoota amantaa Islaamaa biratti mallattoo gaarummaa, arjoomaa, tokkummaa, nageenyaafi irree gamtummaan kan guutameefi akka guyyaa qulqulluufi kabajaatti kan ilaalamuufi yaadatamee ooludha.

Kabajamtoota hordoftoota Amantaa Islaamaa naannoofi biyya keenyaa akkasumas addunyaa maratti argamtan baga sirna kabaja guyyaa dhaloota Nabii Muhaammad (SAW) waggaa 1498ffaa nagaan geessan, baga waliin geenye.

Hordoftoonni Amantaa Islaamaafi uummanni naannoo keenyaa rakkoowwan uumamaafi nam-tolchee bara dabarsine kana keessa naannoo keenya muudachaa turan irraa uummata keenya damdamachiisuu keessatti hojii guddaa kabaja namoomaatiin guutame karaa qindaa’een hojjechaa turtaniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa dinqisiifannaa guddaa qaba.

Biyyi keenya biyya nagaa, jaalalaafi haammattummaadhaan beekamtu ta’uu ishee Sahaabota Nabii Muhaammad (SAW) irraa ergaman simattee kunuunsuun gaarummaa cimaa amanticha waliin kan horatteefi duudhaan wal danda’uufi waliin jiraachuu keessatti dagaage ta’uu kaleessaa hanga har’aatti gochaan kan dhugoomsitedha.

Seenaafi duudhaa gabbataa kana kudhaammannee rakkoo har’aa kan ittiin furannu, egeree boruu biyya keenyaatiif galaa dhalootaa taasifachuu eegaluun keenya biyyi keenya daandii sirrii kan ittiin qormaatilee ishee muudatan hiikkattuufi badhaadhina karoorsite mirkaneeffattu qabachuun ishee dubbii haqaati.

Ayyaana Mowlidaa bara kanaas yemmuu kabajnu barsiisa Nabi Muhaammad (SAW) bu’uura godhachuudhaan duudhaa keenya miira waalii yaaduufi obbolummaatiin dabaalameen kan beela’e nyaachisuun, kan daare uwwisuun, kan dhibame gaafachuun kabajuun barbaachisaadha.

Bara 2016 kanattis qajeeltoo gaarii kana cimsitanii itti fufsiisuun humna qabdaniin waliif birmachuun jaalala dhugaa gaarummaan guutame walitti agarsiisuu, gamtaan ka’uun misoomni biyya keenyaa akka cimu, nageenyi biyyaa akka waara’uufi badhaadhinni waloo akka mirkanaa’uuf caalmaatti akka hojjettan waamicha dhiyeessuun barbaada.

Keessumattuu, yeroo biyyi keenya dhiibbaawwan kallattii garaa garaatiin ishee muudatan keessaa baatee dinagdee damdaneessa milkeessuuf tattaaffachaa jirtu kana keessatti aadaafi duudhaa wal bira dhaabachuu, wal gargaaruufi obbolummaan waliin jiraachuu barootaaf nu waliin har’a gahe daran cimsinee itti fufsiisuutu nurraa eegama.

Duudhaan eebbifamaan guyyaa kabaja Ayyaana Mowlidaa raawwatamu kun qajeeltoo namni hunduu jiruufi jireenya guyyaa guyyaasaa keessatti aadeffatu ta’uu qaba.

Ayyaanni Mowlidaa bara kanaas duudhaafi sona guddaa qabnu kan itti jabeeffannu, rakkoowwan uumamaafi nam-tolchee nu muudatan keessaa injifannoon itti baanu akka nuu ta’uuf hunduu gahee isaa akka bahatu dhaamuun fedha.

Biyyi keenya barootaaf wal qixxummaa osoo hin taane sirna amantaa, afaaniifi aadaa tokko leellisu jala turtus qabsoo walqixxummaaf taasisfameen ijaarsi sirna dimokiraasii diriiraa, jaalalli obbolummaa misaa sirni federaalizimii sabdaneessaa mirkanaa’aa jira.

Biyya walqixxummaa sabdaneessaa mirkaneessaa jirtu kana keessatti lammiileen ishee garaagarummaa qaban waliif danda’aa misoomaafi nageenya isheef yoo tumsan seenessi dogoggoraa ‘kan koo malee, keenyaa’ hin beekne akka bakka dhabu kan wal nama gaafachiisu miti.

Ijaaramni biyyaa haqaan, misoomnis sonaan ta’uufi hirmaannaan ho’aa lammiilee sirna jabaa dinagdeen utubameefi dinagdee damdaneessa mirkaneessa.

Bakka hirmaannaan ho’aa lammiilee hin jirretti guddinni biyyaa quucaree maraammartoon hiyyummaa humna godhatee itti fufa.

Hiyyummaan ammoo waaroo salphinaa namatti uwwisuun qalbii namaa cabsa.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa uummata isaa ijaaree, walqixxummaa amantaa mirkaneesseen maraammartoo hiyyummaa humna waloon balleessaa badhaadhina waaraa mirkaneessuuf hojjechaa jira.

Kanaafis, imala badhaadhinaa biyya keenyaa mirkaneessuuf bara 2016 kanatti Karoora Xiiqii wayita qopheessinu humna jabaa kan ta’e humna waloo abdanneeti.

Kanaafuu, hordoftoonni Amantaa Islaamaafi walii gala uummanni naannoofi biyya keenyaa seenaa imala hiyyummaa dhalootaa gara dhalootaatti tarkaanfachaa dhufe jijjiirree biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuf ergama qabannee hojjechaa jirru milkeessuuf humna, beekumsa, qabeenyaafi kadhata keessaniin akka tumsitanin waamicha koo isiniif dhiyeessa.

Dhuma irrattis Ayyaanni Mowlidaa kan gammachuufi jaalalaa akka isiniif ta’uun hawwa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.