Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Mawulidaa wayita kabajnu Hojiiee gaarii Nabiyyuu Mahaammad hojiirraa oolchuun ta’uu qaba jedhame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2016 (FBC)-Ayyaana Mawulidaa wayita kabajnu hojiilee gaarii Nabiyyuu Mahaammad (SAW) hojiirra oolchuun ta’u akka qabu ibsame.

Ayyaanni Mawulidaa 1498ffaan guyyaa boru Masjiida Anuwaaritti akka kabajamu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Miseensi Hoji Gaggeessituu Mana Marichaa Sheek Abdul Haamiid Ahimad, hawaasni musliimaa guyyaa dhalootaa Nabiyyuu Mahaammad wayita kabaju hojiilee gaarii isaanii hojiirraa oolchuun ta’uu akka qabuu ergaa dabarsaniiru.

Ayyaana Mawulidaa boru kabajamu sababeeffachuunis hojiileen duraa gaggeeffamuu yaadachiisanii, guyyaa har’aas naannawaa ayyaanichaa kabajamu hojiin qulqulleessuu fi qajeelchuu gaggeeffamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.