Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Masqalaa nagaan akka kabajamu deeggarsa taasisuun hojii qaamolee hundaati jedhame

Ayyaanni Masqalaa nagaan akka kabajamu deeggarsa taasisuun hojii qaamolee hundaati jedhame

Finfinnee, Fulbaana 14, 2016 (FBC)- Ayyaanni Masqalaa nagaan akka kabajamu deeggarsa taasisuun hojii qaamolee hundaa ta’uun ibsame.

Dhimmicha ilaalchisuun abbootii amantaa fi qaamolee nageenyaa Magaalaa Shaggar waliin galma Giddugala Aadaa Oromootti mariin gaggeeffameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluun Kabajni Ayyaana Masqalaa Ayyaana akka biyyaatti beekamtii olaanaa qabuu fi qabeenya addunyaa ta’ee galmaa’e ta’uu eeranii, ayyaanichis duudhaa isaa eeggatee akka kabajamuuf xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba jedhan.

Qaamoleen ayyaanichi nagaan akka hinkabajamneef socho’an gochaa isaaniirra akka of qusatan dhaamaniiru.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.