Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf hojiilee qindaa’aa hojjechaa jirti-Obbo Dammaqaa Mokonniin

Finfinnee, Fulbaana 12, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa addunyaarratti mul’achaa jiru dandamachuuf hojiilee qindaa’aa hojjechaa jiraachuu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin dubbatan.

Obbo Dammaqaa Mokonniin Yaa’ii Waliigalaa 78ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii mata duree “Nageenya, badhaadhina, Jijjiiramaa fi itti fufiinsa” jedhuun gaggeeffamaa jirurratti haasawaa taasisaniiru.

Haasawaa isaaniin dhimmoota biyyaalessaa, naannawaa fi ardii ibsaniiru.

Hojiilee misoomaa magariisaa fi waligaltee nageenyaa piriitooriyaa hojiirraa oolhuuf hojiilee gaggeeffamaa jiran, nagaa fi tasgabbii idil addunyaa, galmoota misooma waaraa, jijjiirama qabeenya qilleensaa kaasaniiru.

Yaa’icharratti haqaa fi ejjennoo Itiyoophiyaa gama hubachiisuun akkasumas hojiilee dippilomaasii damee hedduu naannawaa, gamlamee hojjetaman milkaa’oo akka turan ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Itiyoophiyaan karoora waggoota 10 ishee Galmoota Misoomaa Waaraa Dhaabbata Mootumoota Gamtoomanii waliin walsimsiisuun hojiirra oolchaa jiraachuu kaasanii, jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuufis hojiilee qindaa’aa hojjechaa jiaachuu hubachiisaniiru.

Bara Faranjootaa 2030ttis karooraa galmoota misooma milkeessuuf hanga ammaatti raawwiin isaanii sadarkaa gaariirraa jiraachuus akeekaniiru.

Yeroo hafan keessatti milkaa’ina fooyyaa’aan akka jiraatuuf kutannoo siyaasaa fi walta’iinsaa idil addunyaa haaraa akka barbaachisu ibsaniiru.

Jijjiiramni qabeenya qilleensaa addunyaa biyyoota guddachaa jiran irratti miidhaa geessisaa jiruuf hojiilee ittisaa hojjetamaniif hanga bara 2030’tti Doolaara biiliyoona 100 walitti qabuuf karoorri qabame milkaa’aa akka hintaane kaasaniiru.

Fuulduratti Emereetota Araba Gamtoomaniitti kan gaggeeffamu yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensaarratti biyyoonni tarkaanfiilee hojiirraa oolmaa fudhachuun kutannoo qaban akka argisiisan gaafataniiru.

Waliigaltee Piriitooriyaan booda adeemsa jiru kan kaasaan Obbo Dammaqaan, waliigalticha guutummaatti milkaa’aa taasisuuf mootummaan kutannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Adeemsa ce’umsa haqaas mirkaneessuufis imaammata bocuun, sadarkaa biyyaalessaatti mariin akka gaggeeffame eeranii, araaraa fi haqa barbaaduuf akkasumas ittigaafatamuummaa dhugoomsuuf mootummaan akka hojjetu mirkaneessaniiru.

Itiyoophiyaan biyyoota ollaa waliin walta’iinsa nageenyaa fi misoomaa qabdu daran cimsuun itti fufsiisuuf fedhii akka qabdu Obbo Dammaqaan eeranii, Naannawaa Gaanfa Afrikaatti badhaadhina waloo mirkaneessuuf kutannoo qabdi jedhan.

Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa jireenya lammilee biyyoota naannawichaa fooyyessuuf sagantaa misoomaa fakkeenyaa ta’uu Obbo Dammaqaan haasawaa isaaniin ibsaniiru.

Ergamni Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniis akka milkaa’uuf fooyyessa taasisuun barbaachisaa ta’uu Itiyohiyaan kan itti amantu ta’uu eeruun, Afrikaan Mana Maree Nageenyaa dhaabbatichaa keessatti teessoo dhaabbii akka qabaattuuf sadarkaa aardiitti ejjennoon qabame sirrii ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.